• Sun. May 28th, 2023

Loltootni Impaayera Itoophiyaa Godina Harargee lixaa aanaa Ciroo keessatti qabeenya hawaasaa gubanii barbadeessuun, Haadha ulfaa tokko irrattis reebicha ulfaataa geggeessuun himame  

May 24, 2023

ONM-ABO Caamsaa 24, 2023

Godina Harargee lixaa aanaa Ciroo araddoota garaagaraa keessatti, waraanni faashistii Abiy Ahimed manneen jiraattotaa gubuu, qabeenya saamuu fi ajjeechaa dabalatee dararaa namoota nagaa irratti raawwachaa jiraniin uummata Oromoo aanichaa irraan miidhaa geessisaa jiru.

Miidhaan waraana sirnichaan uummata Oromoo godina lixa Harargee aanaa Ciroo irra ga’aa jiru jabaachuun, araddaa Najaabaasii fi Sheek Adam keessatti, loltoonni impaayerattii mooraa mana barnootaa Gannoo keessa erga buufataniin booda, adeemsi baruu fi barsiisuu danqamuun naannicha keessatti rakkoon hanqina barnootaa jabaan uumamaa Jira jedhu jiraattotni.

Waraanni biltsiginnaa mooraa mana barumsaa kana keessa buufatanii jiran, Caamsaa 22, 2023 haadha ulfaa kan taate aaddee Caaltuu Shariif, araddaa sheek adam keessatti reebicha ulfaataa irratti raawwataniin, ulfa garaatii baasuun miidhaa qaamaa fi qalbii guddaa irraan ga’aanii jiraachuun beekame.

Reebicha ulfaataa irratti raawwataniin cinatti, Qabeenya dhaabbataa aaddee Caaltuun qaban ibiddaan gubanii barbadeessuu fi saamanii deemuun, dabalataanis qotiyyoo fi re’oota jalaa fudhachuun qalanii nyaachaa akka jiran jiraattotni ijaan argan dubbatan.

Waraanni biltsiginnaa afaan qawweetiin uummata doorsisanii nyaachuu baran, araddoota kanneen keessatti namoota gara gabaa deeman daandiitti ba’aanii dhaabuun, wantoota akka dinnichaa, qullubbii, jimaa fi kanneen biroo saamaa jiraachuun, jiraattotni sochii daldalaa geggeeffachuuf dhibamanii jiraachuu Arraata Biyyoolessaa Oromiyaatti himaniiru.

Araddaa Najaabaas keessatti namoonni  ulee diinaa ta’uun gocha dararrii kana adda durummaan uummata irratti raawwachiisaa jiran, nama Ibiriish Suufiyaan jedhamuu fi Hoogganaa dhimma nageenyaa araddichaa shimee jedhamu ta’uu jiraattotni dabaluun himan.


Leave a Reply