• Thu. Apr 25th, 2024

Baha Shaggar ona Liiban Cuqqaalaa keessatti, miseensi waraana raayyaa ittisa impaayera Itoophiyaa tokko dirqama murnichi itti kenne fudhachuu diduun of ajjeese  

May 24, 2023

ONM-ABO Caamsaa 24, 2023

Dhibdee fi walitti bu’iinsi mooraa waraana bilxginnaa keessatti saffisaan babal’achaa deemuun, loltoonni sirnichaa sabaan wal qooduun garaagarummaa gidduu isaaniitti uumameen, guyyaa gara guyyaatti lubbuu walii galaafachuu fi dirqama murnichaan itti kennamu fudhachuu diduun keessaa badaa akkasumas lubbuu ofiitti murteessuun meeshaa baataniin rukutanii of ajjeesaa jiru.

Haaluma kanaanis godina baha Shaggar aanaa Liiban Cuqqaalaa magaalaa Aduulaalaa mooraa waraanaa Asaar keessatti, Miseensi Waraana raayyaa ittisa impaayera Itoophiyaa sabaan Oromoo, dhalootni isaa Harargee bahaa, kan maqaan isaa Abdii Muktaar Amaan  jedhamu, rakkinaa fi gidirfama ilmaan Oromoo irratti sirnichaan geggeeffamu ijaa kiyyaan taa’ee hin ilaalu jechuun, dirqama murnichaan itti kenname fudhachuu erga dideen booda, miira abdii kutannaatiin meeshaa waraanaa isinaayiperii ofitti dhukaasuun of ajjeesuu isaa odeessi mooraa waraanaa Asaar irraa ba’e ni addeessa.

Miseensonni Waraana raayyaa ittisa impaayerattii kan sabaan Oromoo ta’aan, carraa argataniin meeshaa fi hidhannoo isaanii fudhachuun gara waraana Bilisummaa Oromootti baduun qabsoo uummata Oromootti dabalamaa waan jiraniif, ilmaan Oromoo hojii loltummaaatiin sirnicha tajaajilaa jirtanis du’a seenaa hin qabne duutanii baduurra gara mooraa qabsoo bilisummaa Oromootti dhufuun WBOtti dabalamaan waamicha ilmaan Oromooti.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading