• Sun. May 28th, 2023

Biltsiginnaan waraana hamilee fi naamusa dhabuun jalaa faca’aa jiru bifa haaraatiin suphuuf, iizii dhihaa mooraa Dhidheessaa fi Jimmaa keessatti leenjii haaromsaa kennaafii jiraachuun dhaga’aame

May 26, 2023

ONM-ABO Caamsaa 26, 2023

Abbootii irree impaayera itoophiyaa bulchanii darban keessaa, sirni Dargii dhaadannoo Itoophiyaan haa dursitu jedhu of dura qabuun, sagantaa qinda’aa bara bittaa Isaa dheereffatee, barcuma aangoo ittiin tikfatu bocaccuun, biyya sobaa ittiin ijaaruuf lafee dargaggoota hedduu riqicha godhatee, gowwoomsaa fi humnaan dirree lolaatti lubbuu kumaatama kan ficcisiise yoo ta’u, Dargiin kaleessaa hardha biltsiginnaa ta’uun seenaan dabaa kaleessa dargiin raawwatamaa ture irra deebi’amee, bara kanas dhiigni dargaggootaa olaantummaa aangoo nama dhuunfaa tiksuuf akka tolutti tooftaaleen leenjii fi barnootaan tumsaman sirnichaan loltoota impaayerattii humnoomsuuf kennamaa jira.

Haaluma kanaanis, leenjii haaromsaa kennanii, waraanicha hamilchiisuun dhiibanii dirree lolaatti galchuuf qondaaltotni biltsiginnaa, kutaa waraanaa Iizii dhiyaa jiru mooraa gurguddaa lama, Mooraa Dhidheessaa fi mooraa magaalaa Jimmaa keessa jirutti walitti qabuun leenjisaa jiraachuu maddeen gabaasan.

Akeekni leenjii kanaas, waraana isaanii hamilee dhabuun WBO dura dhaabbachuu dadhabee aanotaa fi godinoota keessaa buqqa’ee baqachaa jiru, akkasumas sirnicharraa abdii dhabuun bakkoota hedduutti meeshaa fuudhee jalaa miliqaa jiruu fi sabummaan walqoodee walitti dhukaasee wal ajjeesaa jiru
deebisanii ijaaruun, mooraa waraana isaanii suphuu yoo ta’u, leenjiin iizii dhiyaa keessatti kennamaa jiru kun itti fufuun iiziwwan hundaaf kennamuuf akka jirus Arraatni Biyyoolessa Oromiyaa odeeffate.

Leave a Reply