ONM-ABO Caamsaa 26, 2023
Caasaan waraanaa fi milishaa biltsiginnaa akkaataa deebi’ee suphamuu hin dandeenyetti diigamaa jiraachuu fi miseensonni mooraa waraana impaayerattii kan sadarkaa hundaa irra jiran sirnicharraa abdii dhabuun, guyyaa irraa gara guyyaatti miliquun, impaayerattiin gara qarree kufaatiitti saffisaa jiraachuu agarsiisa.
Haaluma kanaan dheengadda Caamsaa 25, 2023 godina Qellem Wallaggaa aanaa Anfilloo magaalaa Muggii irraa, Miseensi waraana raayyaa ittisa impaayerattii tokko qawwee AKM tokko, rasaasa 150 fi hidhannoo tokko mooraa waraana PP keessaa fudhatee miliquun galii mooraa qabsoo bilisummaa Oromoo taasisee jira.
Miseensi waraana raayyaa ittisa impaayerattii Kun akka jedhetti, jibbii fi hiraarsi garaagaraa miseensota waraana sirnichaa sabaan Oromoo ta’aan irratti jabaataa ta’uu fi ati waraana bilisummaa Oromootti harka kennachuuf Jetta jechuun isas doorsisaa akka turan dubbachuun, Caamsaa 20, 2023 hiriyyaa isaa tokkos ilaalcha akkasiin yakkanii ajjeesuu illee Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti hime.
Oduuma Wal fakkaatuun milishaan sirnichaa tokkos aanaa Anfilloo magaalaa Muggii irraa qawwee AKM tokkoo fi rasaasa 50 fudhachuun gooticha waraana bilisummaa Oromootti harka kennachuun beekame.

