• Tue. Jan 13th, 2026

Kaabinoonnii fi waraanni Impaayera Itoophiyaa Harargee Bahaa aanaa Malkaa Bal’oo keessaa dargaggoota humnaan qabuun leenjii waraanaatti ergaa jiraachuun beekame

May 27, 2023

ONM-ABO Caamsaa 26, 2023

Duula dabaa afarsuun lubbuu dargaggoota Oromoo kumaatamootaan lola kaabaatti guuree ficcisiisaa Kan ture murni faashistii biltsiginnaa, hardhammoo ilmaan Oromoo akeeka Isaa hubachuun tajaajila loltummaatiin sirnicha tajaajiluu waakkatan, golee Oromiyaa cufa keessa marsuun butanii mana hidhaatti funaanuun, achirraa ammoo gara mooraa leenjii waraanaatti geessaa jiraachuun dubbatamee Jira.

Gochi Kunis baha Harargee aanaa Malkaa Bal’oo araddoota akka Caffee walta’aa, Makkanniisaa fi Tokkummaa jaalalaa keessatti baldhinaan itti fufuun, dargaggootaa fi abbootii warraa daandii irraa humnaan qabuun harka dudduubatti hidhuun Mana hidhaa erga seensisaniin booda, duula biyya baraaruuti jechuun gara leenjii loltummaatti jumlaan guuraa jiraachuu jiraattotni dubbatu.

Ilmaan Oromoo irratti gochi xiyyeeffate Kun, kallattii tokkoon akeeka lafee dargaggoota Oromoon, Impaayera uummatni Oromoo jaarraa hedduuf jalatti eenyummaa isaa dhabe ijaaruu kan of keessaa qabuu fi kallattii biraatiin ammoo qabsoo uummatni Oromoo gaaddisa ABO-WBO jalatti gaggeessaa jiru ilmaanuma sabichaan dura dhaabbatanii dhabamsiisuuf karoora sirnichaan bocamee hojiirra oolaa jiruudha.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading