ONM-ABO Caamsaa 28, 2023
Gootichi Waraana Bilisummaa Oromoo lola qindaa’aa har’a ganama barii sa’a 12:00 irraa qabuun godina Qellem Wallaggaa aanaa Gaawoo Qeebbee fi Daallee Waabaraa keessatti eegaleen yeroo ammaa dabalataan aanaa Gaawoo Qeebbee dhuunfatee jira.
Tarkaanfii laalessaa gootichi Waraana Bilisummaa Oromoo aanaa Gaawoo Qeebbee keessatti humna waraana faashistii PP irratti fudhateen waraana diinaa irraa 135 du’uun hedduun yoo madaa’aan 35 harkaan qabamanii jiru.
Gama meeshaatiin qawwee AKM 146, dishqaa 1, moortara 2, rasaasa, boombii fi uffata waraanaa hedduu dugda diinaa irraa hiikee jira.
Kana malees buufata poolisii keessaa hidhamtoota siyaasaa fi mooraa waraana bilxiginnaa keessaa dargaggoota Oromoo humnaan qabamanii gara leenjii deemuuf qophii irra jiran harkaa baasee jira.
WBOn kora dhiyeenya kana Qellem Wallaggaa keessatti taa’uun Birgeedii haaraa Eebbisaa Addunyaan ijaaruun Odaa Kaarraa waliin bobbaaseen injifannoo boonsaa galmeessee jira.
Eebba, Haasaa Jaal Marroo fi maree koraa wal duraa duubaan isiniin geenya!
Arraata Biyyoolessaa Oromiyaa hordofaa!
YOUTUBE ARRAATAA AMMAS MARSAA 5’FFAAF WAAN NURRATTI CUFANIIF LIINKI GADII CUQAASAA Subscribe Gochaa Dubbii AJAJAA OL’AANAA ABO-WBO Eeggadhaa
https://youtube.com/@ONM-sr6uz
Injifannoon Uummata Oromoof!