ONM-ABO Caamsaa 28, 2023
Irree fi gaachanni uummata Oromoo WBOn tarkaanfii ganama kana aanaa Gaawoo Qeebbee fi Daallee Waabaraa keessatti eegaleniin aanaa Daallee Waabaraa magaalaa Qaaqee guutuutti dhuunfatan.
Urjiiwwan ilmaan Oromoo tarkaanfii aanaa Daallee Waabaraa keessatti fudhachuun aanichaa dhuunfatanii waraana diinaa hedduu ajjeesuun hedduu madeessee jira.
Qawwee AKM 50, rasaasa hedduu, dishqaa 1, moortara 1 fi boombii hedduu dugda diina irraa hiikee jira.
Hidhamtoota siyaasaa fi warreen humnaan qabamanii gara leenjii waraana bilxiginnaa deemuuf turan mooraa magaalaa Qeebbee keessaa gootichaan gadhiifameera.
Gabaasa dabalataaf Arraata Biyyoolessa Oromiyaa hordofaa!
Injifannoon Uummata Oromoof!