• Mon. Apr 6th, 2026

Godina Harargee bahaa magaalaa Awwadaay keessatti ergamtoonni pp daldaltoota jimaa gabaa irraa ugguruun dhaga’ame

May 29, 2023

ONM- ABO Caamsaa 29, 2023

Mootummaa gabroomfataan bilxiginnaa  afaan qawween Saba Oromoo cabsaa diinagdeenis uummata kuffisee hiyyummaa hamtuuf hawaasa saaxilaa jira.

Haaluma kanaan Godina Harargee Bahaa Magaalaa Awwadaay keessatti halkan dheengaddaa jechuun caamsaa 27, 2023 konkolaattota jimaa gara magaalaa awwadaayitti geessan waraanni gabroomfataa pp Akka magaalaa hin seenne jechuun konkolaattota of duuba deebisan.

Sababa kanaanis jimaan maallaqa hedduutti tilmaamamu gatiin isaa waan baay’ee jalaa gad bu’eef hawaasni kasaaraaf saaxilamuun dhagaa’ame.

Kana malees waraanni pp kun daandii gubbaa irra deemuun namoota nagaa dhimma dhuunfaa isaaniif daandiirra deeman reebicha ulfaataa irraan ga’uun mana hidhaa  magaalaa Harammayyaatti guuraa jiru.

Akkasumas jimaata darbe magaalaa Awwadaay ganda usmaan keessaa namoota lama qabuun hiriira nurratti baassisuuf namoota nurratti qindeessaa jirtu jechuun badii tokko malee hawaasa naannichaa mana hidhaatti galchuun dararaa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaa gabaasaniiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading