ONM- ABO Caamsaa 29, 2023
Waqtii qonnaan bultoonni hojii qonnaa irratti bobba’uun oomishaalee garaagaraa oomishuun jiruu fi jireenya isaanii fooyyeffachuuf tattaafatanitti, qonnaan bultoota Oromoo qabanii hidhuun maatii namoota baay’ee hiyyummaa jelatti kuffisuu fi waan ittiin jiraatan dhabuu dabalatee rakkoon midhaan nyaataa akka babal’atuuf sababa ta’eera.
Haaluma kanaan godina lixa Shaggar aanaa Ada’aa Bargaa ganda Biyyoo Wagiddiitti waraanni fashistii bilxginnaa bobba’uun kaleessa Caamsaa 28, 2023 qonnaan bultoota ooyiruu keessatti meeshaa waraanaa irratti dhukaasuun qabanii deeman.
Qonnaan bultoota qabaman kana keessaa kan maqaa arganne obbo Geetaachoo Ibsaa, obbo Abarraa Tasammaa fi obbo Gonfaa Daffaruu kan jedhaman waraanni sirnichaa qabuun qawwee dhukaasaa gara warshaa mogor irraan fuudhanii deemuun mana hidhaatti darbatan.
Qonnaan bultoonni hidhaman kun qooda fudhannaa siyaasaa kamiyyuu akka hin qabne jiraattotni himuun, badii malee Oromummaa isaaniin bakka hojii dhuunfaa isaaniitii akka qabaman jiraattotni Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.



