ONM-ABO Caamsaa 29, 2023
Ilmaan Oromoo ilaalcha siyaasaa garaagaaraatti yakkuun hidhee dararaa kan jiru murni PP, Kibba Lixa Shaggar keessattis maanguddoota, dargaggootaa fi hojjettoota mootummaa dabalatee namoota hedduu hidhuun dararaa jira.
Aanaa Bachoo Magaalaa Tullu Boolloo keessatti namooota maqaa Waraana Bilisummaa Oromoo deggertu, ilaalcha Waraana Bilisummaa Oromoo qabduu fi ilmaan keessantu miseensa waraana Bilisummaa Oromooti jedhamuun maatii qabsaa’otaa hidhamanii dararamaa jiran keessaa kan maqaa arganne Obbo Dambal Kaasaa, Obbo Urgaa’aa Gurmeessaa, Obbo Mulugeetaa Urgaa’aa, Obbo Guutaa Muldh’ataa, Dargaggoo Suufaa Dabalee fi kanneen biroo maqaa isaanii argachuu hin dandeenye, badii tokko malee sababa ilma keessantu WBO ti jedhuu fi WBO waliin hariiroo qabdu jechuun Waajjira Poolisii Aanaa Bachoo Magaalaa Tulluu Boolloo keessatti hidhamanii dararamaa jiraniidha.
Akka maddeen keenya jedhanitti maanguddoota ganna 70 olii dabalatee hidhaan aanicha keessatti babal’ataa kan jiru yoo ta’u, mootummaan kun hidhaan akka fala hin taane Wayyaanee irraa barachuu qaba tures jedhaniiru.



