ONM-ABO Caamsaa 29, 2023
Uummatni Oromoo impaayera Itoophiyaa keessatti erga gita bittootaan koloneeffatamee sirna garboomsaa kana ofirraa fonqolchuuf falmaa hidhannoo jabeessee geggeessaa jira.
Falmaa hidhannoo kanaafis ilmaan Oromoo kutaalee garaagaraa irraa simachuun leenjii kennuufiin bobbaasuu kan cimse jaarmiyaan ABO-WBO torbee darbe Caamsaa 21, 2023 sirna hoo’aa ta’een kaadhimamtoota leenjii waraanummaa fi siyaasaa kennaafii ture bakka Ajajaan olaanaa ABO-WBO Jaal Marroo Dirribaa Lammeessaa, qondaaltotni waraanaa fi miseensotni waraana bilisummaa Oromoo argamanitti eebbisiisuun dirqama itti aanuuf qopheessanii jiru.
Hogganaan mooraa leenjii Waraana Bilisummaa Oromoo zoonii lixaa Jaal Wiirtuu Galataa eebbifamtootaaf haasaa saaqiinsaa taasisaniin, leenjifamtootni kun guyyaatti marsaa sadii mata duree garaagaraa irratti leenjii fudhachuu ibsuun leenjii fudhatan kanaanis dhaaba isaaniin taliigamuun saba isaanii irraa ba’aa garbummaa akka fonqolchaniif cimsanii onnachiisaniiru.
Eebba kana irratti argamuun haasaa kan taasisan Ajajaan olaanaan ABO-WBO Jaal Marroon, eebbiftoota nagaa erga gaafataniin booda, warreen isin arguu hin feene ija haa sukkuummatan warreen isin dharra’an ammoo isin haa abdatan, isin akkuma sana ta’aafii jedhan.
Kana malees dhimma araaraa irratti yaada kennaniin uummatni akka hin burjaajofne dhaamuun murna Itoophiyaa bulchu kamiifuu dhimmi nagaa Gaalli qaawwaa limmoo keessa darbuu irra itti ulfaata jechuun, ABO WBO’n balballi isaa nagaaf banaa ta’us waan dhufe akka dhufetti ofirraa deebisuun abidda nuuf qopheessaniin akka gubatan gochaa jirra jedhan.
Nuti qabsoo Bilisummaa Oromoo galmaan ga’uuf haala marii keessattis ta’e lola keessatti tasumaa kaayyoo hin sharafnu, dhaloota Abishee Garbaa hanga Jawaar, Baqqalaa fi Daawud irraa baratee dha erga jedhaniin booda, hojii cimaan jaarmiyaan ABO-WBO hojjechaa jiru lolaan cinaatti waraana humna Oromoo madaalu ijaaruu akka ta’e kaasuun leenjisanii bobbaasuu akka itti fufan akeekanii jiru.
Xumura irrattis uummata Oromoon yeroo WBO’n aanaa buqqisu naamusa akka godhatanii fi hattuu akka eegan dubbachuun ilmaan Oromoo miseensa waraana bilxiginnaa ta’anii sirnicha tajaajilaa jiran akka mooraa diinaa keessaa ba’uun WBOtti makamaniif dhaamsa dabarsaniiru.
Qophii Eebbaa fi kora geggeeffame irratti dubbii Jaal Marroon dubbatan sagantaa keenya galgalaa irraa eegaluun isiniif dhiyeessina. Nu eegaa!





