ONM-ABO Caamsaa 31, 2023
Utubdoonni murna bilxiginnaa yeroo hedduu walii galuu dadhabuun bakkeewwan garaa garaatti qawwee walitti kaasanii walitti dhukaasuun wal ajjeesaa oolu.
Haaluma kanaan godina Arsii bahaa aanaa Xiyyoo magaalaa Kaatar Gannat keessatti Dilbata darbe Caamsaa 28, 2022 dhukaasa miseensotni waraana faashitii PP magaalicha keessatti walitti dhukaasaniin itti gaafatamaan dhimma nageenyaa magaalichaa Birhaanuu Ayyalaa jedhamu fi miseensi poolisii Oromiyaa tokko ajjeefamu maddeen nuuf heeraniru.
Kana malees guyyuma sana dargaggoo Oromoo Indaalaa Hajjii jedhamu jiraataa ganda Kaataar Qotee Bulaa ta’e seensa magaalichaa irratti badii tokko malee qabuuf rasaasa irratti dhukaasaa turan.
Aanaa Xiyyoo magaalaa Kaataar Gannat keessatti tiksitootni impaayera Itoophiyaa uummata nagaa maqaa Waraana Bilisummaa Oromoo deggertu jedhuuunii fi mormii qindeessaa jirtu jedhuun dararaa jiraachuu maddeen dabaluun addeessaniiru.


