ONM-ABO Caamsaa 31, 2023
Mariin araaraa waraana bilisummaa Oromoo fi murna bilxiginnaa gidduutti Taanzaaniyaa odola Zaanzibaritti geggeeffamaa ture, Kan abdii uummata Oromootti horee fi garam ba’aa jedhamee eegamaa ture yoo ta’u, nagaan waaraan uummanni Oromoo abdii fi hawwii guddaan eegaa tures gara duula waraanaatti fuula deebifachuun Oromiyaa kutaalee garaagaraa keessatti yakkootni waraana raayyaa ittisa impaayerattiin raawwatamaa jiru.
Haaluma kanaan godina lixa Shaggar aanaa Ilfataa ganda Hidhabuu Sandii bakka addaa Hudhabuu jedhamtutti obbo Tashaalaa Zambaabaa abbaa maatii Kan ta’e ajjeesuun, erga ajjeesanii booda reeffa isaa dhorkachuun turtii sa’aatii dheeraan booda galgala Caamsaa 29, 2023 reeffa maatii Isaaf laachuun Caamsaa 30, 2023 sirni awwaalcha isaa geggeeffamee Jira.
Ajjeechaa kana cinattis ona Ilfaata ganda Sinaanii Lukkuu keessatti daa’ima maqaan isaa Raattaa Tankaraa jedhamu osoo inni loon tiksuu meeshaa waraanaa guddaa morteraan rukutanii madeessuun yaalamaa akka jiru jiraattotni himan.
Oduu biraatiin onuma Ilfataa ganda Ambaaltaatti loon hedduu waraanni bilxiginnaa obbo Atoomsaa jalaa ooffataniiru.
Oduu ajjeechaan Wal qabatuun godina lixa Shaggar aanaa Amboo ganda Ganjii Gooroo Horee bakka shaambaa jedhamutti maanguddoo Baay’isaa Qadiidaa jedhamu jaarsa biyyaa yakka tokko malee waraanni goolessaan Bilxiginnaa maqaa sakatta’iinsa waraana bilisummaa Oromoo jedhuun bobba’aan ajjeesuu jiraattotni Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniru.


