ONM-ABO Caamsaa 31, 2023
Bilxiginnaan siyaasaa fi tarsiimoo walfakkaataa waggootaaf gargaaramuun, dhiibbaa hawaasaa yaadaan ofirraa qolachuu dadhabee tarkaanfii Abbaa Irrummaa tooftaa taasifate Biltsiginnaan, yakka uummata nagaa irratti raawwatuun madaa godaannisni isaa hin fayyine uumee ibidda warraaqsaa dachaan uummaticha keessatti shidaa Jira.
Haaluma kanaanis, caamsaa 21, 2023 Baha Oromiyaa magaalaa Baddeessaa keessatti poolisoonnii fi loltoonni impaayeratti halkan tilmaama sa’a 4 tti nama Huseen Hasan jedhamu abbaa ilmaan 4 fi nama Saadiq Muummee jedhamu abbaa ilmaan shanii, isin miseensa WBOti jechuun mana isaanii keessaa qabanii mooraa waraana raayyaa ittisa impaayerattiitti geessuun reebicha ulfaataa irratti raawwataniin of wallaalanii kan jiranii fi haga ammaas moorichuma keessatti gidirfamaa jiraachuu maddeen dubbatan.
Namoonni kun namoota hojii guyyaa dalaguun maatii ofii jiraachifatanii fi siyaasa irraas walaba ta’aan ta’uu kan himan maddeen, magaalattii keessatti namoonni adda durummaan uummata hiraarsaa jiranis Itti gaafatamaa poolisii magaalichaa Taayyee jedhamu, dhimma nageenyaa magaalichaa Indaashawu, gaafatamaa siyaasaa fi dinadgee Yuuyyaa jedhamuu fi qaamoleen caasaa sirna PP magaalichaa maqaa fi hojiin isaanii nun qaqqabin hedduu ta’uus gabaasan.

