• Tue. Jan 13th, 2026

Weellisaan Darajjee Daggafaa godina addaa naannawwaa Finfinnee bulchiinsa magaalaa sulultaa keessatti ajjeeffame 

May 31, 2023

ONM-ABO Caamsaa 31, 2023

Weellistoonni aadaa fi eenyummaa saba tokkoo ogummaa qabaniin calaqqisiisuu fi guddina dinagdee fi hawaasummaa keessatti ga’ee isaan ba’aatan guddaa yoo ta’uun, akkaumas sagalee saba cunqurfamaa ta’uun dandeettii fi ogummaa Isaaniin saba Isaanii tajaajilu.

Impaayera itoophiyaa keessatti artistoonni sabboonummaa fi quuqama sabaa qaban ajjeefamuu fi achi buute dhabamuun, weellisaa  Eebbisaa Addunyaa irraa eegalee, artiisti Jireenyaa Ayyaanaas achi buutee dhabamuun, gochi weellistoota Oromoo adamsanii ajjeesuu fi dhabamsiisuu Kun osoo hin dhaabbatin, bilxiginnaan har’as aangoo impaayerattii of harkaa qaba jedhu weellistoota Oromoo  Hacaaluu Hundeessaa fi daadhii Galaan galaafachuun caamsaa 29, 2023 halkan keessaa toora 2;00 akka lakkoofsa impaayerattiitti weellisaa Darajjee Daggafaa rasaasaan rukutuun ajjeesanii jiru.
Weellisaan Oromoo Darajjee Daggafaa godina addaa Naannawwaa bulchiinsa magaalaa Sulultaa bakka addaa Kaajimaa jedhamu naannoo mana jireenyaa isaatti rasaasa waraana sirniichaan ajjeefamuu maddeen himan.

Weellisaan Kun sirboota warraaqsaa fi aadaa sirbuun Kan beekamu yoo ta’u, dhiyeenya kana dhimma magaalaa Finfinnee irratti sirba haaraa akka hojjetee tures dubbatan.

Haala kanaan Weellistoonni Oromoo rakkoo fi gidiraa uummanni Oromoo keessa jiruf sagalee ta’aan, ajjeeffamuu, achii buutee dhabamuu fi hedduun biyya irraa godaanuun dachee Irmaa keessatti jireenyaa hadha’aa dhamdhamaa jiru.


Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading