ONM-ABO Waxabajjii 2, 2023
Waraanni gabroomfataa PP bakka socho’u hundatti dhiiga ilmaan Oromoo dhangalaasuu kan aadeffate, ajaja ajjeessuu gubbaadhaa hanga gadiitti labsuun maqaa sakatta’iinsa Waraana Bilisummaa Oromoo geggeesina jedhuun namoota nagaa bakka deemu maratti ajjeessuu itti fufee jira.
Haaluma kanaan caamsaa 31, 2023 waraanni murna biltsiginnaa maqaa sakkata’insaan bobba’an godina Lixa Wallaggaa aanaa Qondaalaa ganda Boojjii Gaara-Arbaa magaalaa Ashunfaa keessatti gocha dhala namaa irratti raawwachuun nama qaanessu cuubeen dargaggoo Mohammad Qurxee jedhamu qaluun lubbuu obbaasan.
Sochii waraana bilisummaa Oromoo yaadda’uun waraana isaa lixa Oromiyaa keessatti kan duraa caalaa kaaba Impaayeratti irraa garasitti hedduminaan guuruun yakka mirga namoomaa uummata irra geessisaa jiraachuun kan beekamu yoo ta’u, hawaasni keenya mana taa’ee lubbuu isaa dhabuu irra falmaa finiinsee murna garboomsaa ilmaan Oromoo bineensaa gaditti ilaaluun lubbuu obbaasaa jiru fonqolchuu qabna kan jedhan qeerroo bilisummaa Oromoo aanichaa ti.


