ONM-ABO Waxabajjii 2, 2023
Oromiyaa golee mara keessatti ilmaan Oromoo wabii jireenyaa dhabuun waraana abbaa irreen hiraarfamaa kan jiran yoo ta’u addatti ammoo maqaa Waraana Bilisummaa Oromoo deggartu jedhu sababa godhachuun namoota nagaa jumlaan mana hidhaatti guuruun dhiibbaa irratti rawwachaa jiru.
Yeroo hedduu hidhattootni kun addatti dargaggoota irratti xiyyeefachuun hidhaan dararaa kan jiran yoo ta’u godina Arsii bahaa aanaa Shirkaa ganda Leemmoo Xiijjoo keessatti kaabinoonni gandaa fi aanaa waliin ta’uun dargaggoota hedduu torban kana irraa kaasuun mana hidhaatti guuraa jiru jedhu.
Akka kanaanis nama Abdulnajiid Galaasaa dabalatee dargaggoonni hedduun mana hidhaa aanichaa magaalaa Gobeessaa jiru keessatti hidhamanii dararamaa akka jiran maddeen ibsuun, hidhaan namoota irratti rawwatamaa jiru kun guyyaa gara guyyaatti dabalaa waan jiruuf sabboontotni hedduun qe’ee gadhiisanii baqachaa akka jiran addeessanii jiru.

