• Tue. Nov 24th, 2026

Magaalaa Shaggar kutaa bulchiinsa magaalaa Buraayyuu keessatti gatii daandii cirracha gurraachaa jechuun uummata irraa maallaqa saamuu itti fufan

Jun 2, 2023

ONM-ABO Waxabajjii 2, 2023

Murni faashistii PP daandii ittiin maallaqa saamu baafachuun hojjetu itti fufuun bulchiinsa magaalaa Buraayyuu keessatti daandii cirracha gurraacha isiniif galchina jechuun dirqiin uummata irraa maallaqa guuraa jiru.

Haaluma kanaan torbee kana keessa magaalaa Shaggar bulchiinsa magaalaa Buraayyuu ganda Gafarsaa bakka addaa manneen jireenyaa Diyaasfooraa jedhamu keessatti uummata rakkatee maallaqa walitti buufachuun daandii Koobilistoonii galfate, yeroo ammaa sana kaasnee daandii cirracha gurraachaa goona jechuun uummatni dirqiin maallaqa akka kaffalu gochaa jiru.

Akka kanaanis namoota manni isaanii kaaree 500 irra jiru qarshii 100,000, kan kaaree 400 qarshii 80,000 kanneen hafan qarshii 60,000 fi 50,000 gidduu dirqiin irraa fuuchaa jiru.

Yeroo itti qaala’iinsa jireenyaan uummatni dararaa argaa jiru kanatti maqaa magaalaa Shagggar bareechinaa fi boca isaa jijjiirra jedhuun uummata rakkisaa kan jiran yoo ta’u, maqaa ijaarsa kanaanis manneen uummataa diigaa jiru.

Manneen armaan dura seera qabeessummaan heyyama itti argatanii gibira kaffalaa jiran osoo hin hafin halluun mallattoo irra kaa’anii diiguuf qophii irra jiraachuu maddeen dabaluun Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Leave a Reply