• Sun. Mar 15th, 2026

Magaalaa Shaggar kutaa bulchiinsa magaalaa Alamganaa fi Buraayyuu keessatti murna PP’n saamichi lafaa ilmaan Oromoo irratti hammaate 

Jun 2, 2023

ONM-ABO Waxabajjii 2, 2023

Murni gabroomfataan PP maqaa ijaarsa magaalaa Shagggar jedhu da’oo godhachuun saamicha lafaa uummata irratti hammeessaa jira.

Haaluma kanaan dheengadda Caamsaa 31/2023 magaalaa Shaggar kutaa bulchiinsa magaalaa Buraayyuu Gamoo  Guutee bakka addaa Keellaa jedhamu irratti namootni manni isaanii akka meetiraan lakkaa’amuuf qarshii dhibba shan shan irraa guuranii erga nyaatanii kanneen kaabinee fi caasaa ta’aniif qofaaf hojjechuun uummata rakkisaa jiru.

Bulchiinsa magaalaa Alamganaa bakka Waatoo jedhamuttis mana uummataa diiguun abbaa qabeenyaa warshaa Roodaas nama Tsaggayee jedhamu kan sabaan Amaara ta’eef lafti sun akka kennamu jechuun miidhama uummataa dabalaa jiru.

Kana malees namni waraqaa eenyummaa shaggar hin qabne akka to’atamu, namni halkan eegumsa bahee sochii WBO hin eegne miseensa isaaniiti jechuun gocha namootaa malee uummata nagaa rakkisaa jiraachuun ibsameera.

Sakatta’iinsa jechuun halkan mana uummataa irra deemuudhaan poolisii fi milishaan uummata jeeqaa jiraachuu kan himan jiraattotni naannichaa dargaggootni lixa Oromiyaa fi lixa Shaggar irraa dhufan kamiyyuu ilaalcha WBO qabu waan taheef to’annoo seeraa jala ooluu qabu jechuun uummata shororkeessaa jiraachuu jiraattoonni Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.


Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading