• Thu. Apr 2nd, 2026

Godina Arsii aanaa Roobee Dida’aa keessatti dararaan kaabinoota Biltsiginnaan maatii qabsaa’otaa irra ga’u daran jabaate

Jun 3, 2023

ONM-ABO Waxabajjii 3, 2023

Lolaan waraana Bilisummaa Oromoo dura dhaabbachuu dadhabuun uummatatti ol deebi’ee ajjeessuu fi gooluu kan aadeffate waraanni faashistii PP godina Arsii aanaa Roobee Dida’aa ganda Indaatoo Waltaayii keessatti karaa kaabinoota isaanii maatii qabsaa’otaa irratti miidhaa fi dararaa hamaa raawwachaa jiru.

Qaamonni murna biltsiginnaa gocha hamaa kana maatii sabboontotaa irratti raawwachaa jiran; bulchaa ganda Indaatoo Waltaayii nama maqaan isaa Muzaakir Kamuu Waalloo  jedhamu, milishaa ganda sanaa kan ta’e Usmaan Maamii Faatoo fi qaamota mootummaa naannoo sana irra bobba’anii jiraniidha.

Akka maddeen jedhanitti jarreen kun maatii qabsaa’otaa waan ta’aniif maqaa waraana Bilisummaa Oromoo waliin hidhata qabdu jedhu  itti moggaasuun daa’imman baatii lamaa hanga waggaa shanii dabalatee jumlaan mana hidhaatti guruun, beelaa fi dheebuun dararaa  jiraachuu himan.

Itti dabaluunis uummanni Oromoo idila Addunyaa irra jiran maatii qabsaa’otaa kanaaf sagalee haa taanu jechuun, xumura irratti warreen gocha badaa kana raawwachaa jiran hatattamaan  irraa akka dhaabbattan yoo hin taane seenaanis seeraanis bilisummaa Oromoo keessatti ni gaabbitu jechuun maddeen yaada jiraattotaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading