ONM- ABO Waxabajjii 3, 2023
Moototni wal duraa duubaan aangoo impaayerattii qabachuun bulchaa turan, uummatni Oromoo impaayerattii keessatti akka mataa ol hin qabanne dhiibbaa garaagaraa irraan ga’uun hiraarsaa turan, har’as bilxiginnaan waggoota shanan kana keessatti gidiraa hammeessuun qabeenya uummata nagaa mancaasuu fi manneen gubuu dabalatee yakkoota mirga namoomaa sarban hedduu raawwateera.
Miidhaan uummata Oromoo irra ga’u osoo hin dhaabbatin itti fufuun godina kaaba Shaggar aanaa Warra Jaarsoo ganda Xorgoggoo keessatti Caamsaa 31, 2023 waraanni bilxiginnaa manneen namoota nagaa qabeenyaa fi meeshaalee mana keessaa waliin guutummaatti gubanii barbaadessanii jiru.
Namoonni manneen jalaa gubachuun dawoo jireenyaa fi waan ittiin jiraatan dhabuun rakkoof saaxilamanii jiran keessaa kan maqaa arganne Tolasaa Daadhii, Barrii Dhufeeraa, Dhufeeraa Asaffaa, Kumee Katamaa, Shifarraawu Amaaree, Wandimmuu Shifarraawu, Shallamaa Geetaachoo, Matoo Jorroo, Eebbisaa Xobbuu, Muluu Shaggaawu ti namoota kanneen jalaa mana jireenyaa isaanii qabeenya mana keessaa kanneen akka uffataa dabalatee guutuummaatti waraanni goolessaan Bilxiginnaa gubanii barbadeessuu jiraattotni Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.



