• Sat. Nov 21st, 2026

Miseensotni waraana bilxiginnaa 51 godina Lixa Shaggar keessatti  WBOtti harka kennatan

Jun 3, 2023

ONM-ABO Waxabajjii 3, 2023

Duula Caamsaa 25 hanga Waxaabajjii 1, 2023tti murni faashistii PP waraana isaa bobbaasuun gooticha Waraana Bilisummaa Oromoo balleessuuf hojjetus tarkaanfii jabaa WBO’n irraan ga’aa jiru irraan kan ka’e  miseensootni  waraana isaanii  karaa nagaa sirnicha ganuun hidhannoo isaanii guutuun WBOtti harka kennachaa jiru.

Duula aanaalee Lixa Shaggar kanneen akka aanaa Amboo, Midaa Qanyii, Ilfataa, Cobii fi Gindabarat keessatti deemaa tureen warreen  karaa nagaa harka kennatan hedduu dha.

Akka gabaasni nu qaqqabe addeessutti aanaa Amboo fi Midaa Qanyiitti qofa loltootni bilxiginnaa 51 mooraa Qabsoo Bilisummaa Oromootti dabalamanii jiru.

Miseensotni waraana bilxiginnaa duraanii kun yeroo ammaa qawwee fi hidhannoo waliin WBO zoonii giddu galeessaa bira ga’uun qabiinsi seeraa kennamaafii jiraachuu birgeedii Obomboleettii irraa adda baasuun danda’ameera.

Miseensota waraana PP gidduutti wal amantaan akka hin jirre kan himan loltootni sirnicha ganan kun meeshaa waraanaayyuu irraa fuudhanii gaafa sochiin jiru qofa itti deebisuu jedhan. 

Miseensootni hedduminaan keessaa yaa’aa jiru. Kan hafes haalatu mijachuufii dide malee fedhii taa’uu hin qaban kan jedhan miseensotni waraana PP duranii, waraana PP ta’uun maatii, hawaasaa fi saba keenyaan yoo jibbamnee fi tuffatamne malee bu’aan buufannu hin jiru jechuun gabbii itti dhagaa’ame ibsataniiru.

Kanaaf namootni waraana sirnichaa keessatti haftan lubbuu keessan tirgaa siyaasaa warra impaayerattii leellisuu fi fedhii aangoo nama tokkoof hin oolchinaa jechuun jaarmiyaan ABO-WBOtti akka dabalaman dhaamaniiru. 

Leave a Reply