• Wed. Apr 8th, 2026

Godina Lixa Wallaggaa aanaa Sayyoo Nooleetti waraanni faashistii PP dargaggoota afur yoo ajjeesu aanaa Najjootti namoota warqee baasan 2 ajjeessuun 5 madeessan

Jun 3, 2023

ONM-ABO Waxabajjii 3, 2023

Dheengadda Waxabajjii 1, 2023  waraanni koloneeffataa impaayera Itoophiyaa godina lixa Wallaggaa aanaa Sayyoo Noolee keessatti badii tokko malee dargaggoota afur ajjeesan.

Waraanni faashistii PP kun marartoo tokko malee ol adeemtota aanichaa jiraattota ganda Kolbaa ta’an magaalaa Dabbasoo keessatti qabuun mooraa geeffatanii boolla irra dhaabuun bireenii itti roobsuun ajjeesan. Ajjeechaan kun kan raawwate guyyaa keessaa sa’a 6:30 irratti yammuu ta’u sababa dhukaasaatiin uummatni magaalichaa shororkaa’ee gara manaatti baqataa turan.

Dargaggootni ajjeefaman kunis Alamuu Tarrafaa jiraataa ganda Kolbaa O1, Iyyaasuu Wandimmuu,  Kidaanuu Garramuu Leencoo fi 4 Toomaas Garramuu Leencoo namoota jedhamaniidha.

Aana kana keessatti ajjeechaan guyyaa guyyaan kan hammaataa dhufee fi inni ammaa kun immoo bifa adda ta’een boolla duraan soqamee qophaa’e irra dhaabuun julmaan akkasumas maatii tokko keessaa namoota lamaa fi isaa ol ajjeessaa jiraachuun ni beekama. 

Oduma ajjeechaan wal qabatuun guyyuma dheengaddaa Waxabajjii 1, 2023 godinuma Lixa Wallaggaa aanaa Najjootti bakka warqee bifa aadaan baasanitti waraanni faashistii PP namoota irratti dhukaasuun 2 ajjeesuun 5 madeessan.

Namoota ajjeefaman lamaan keessaa tokko maqaa kan arganne  nama Eebbaa Bantii jedhamu yoo ta’u, kan madaa’an shanan keessaa kan maqaan nu ga’e Yooseef Abdataa nama jedhamu yoo ta’u, yeroo ammaa yaalamaa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading