• Sat. Nov 21st, 2026

Dararaa fi doorsisa waraana bilxiginnaan godina Horroo Guduruu Wallaggaa ona Jimmaa Gannatii keessatti namoonni qe’ee fi qabeenya Isaanii irraa buqqa’an rakkoo ulfaataa keessa jiraachuu jiraattotni himan 

Jun 6, 2023

ONM-ABO Waxabajjii 6, 2023

Oromiyaa keessatti maqaa waraana bilisummaa Oromoo degertu, nyaachistuu fi Oromummaan yakkamuun lakkoofsi ilmaan Oromoo dararaa fi dorsiisa waraana bilxiginnaan qe’ee fi qabeenya isaanii irraa buqqaa’anii lakkoofsaan hedduudha.

Haaluma kanaan godina Horroo Guduruu Wallaggaa aanaa Jimmaa Gannatii ganda Guddattuu Gannatii keessatti barsiisaa Assaabaa Dinqaa maqaa waraana Bilisummaa Oromoo waliin quunnamtii qabda jedhuun qabeenyi isaanii mancaa’uun, qe’ee isaanii irraa buqqaa’anii rakkoo jireenyaa hamaa maatii isaa waliin keessummeessaa jiraachuu jiraattotni himan.

Barsiisaa Assaabaa Dinqaan bara Wayyaanees yeroo garaagaraatti hidhamuun dararaa ulfaataan irra ga’aa akka ture jiraattotni himuun, bara 2021 keessa murni biltsiginnaan hojii barsiisummaa irraa ari’amuun waan ittiin ofii fi maatii isaa jiraachisu dhabuun jireenya hadhaa’aa keessa jiraachuu jiraattotni dubbatan.

Leave a Reply