• Sat. Nov 21st, 2026

Waraanni fashistii Abiy Ahimad dargaggoota lama  godina lixa Wallaggaa ona mana sibuu keessatti ajjeessan 

Jun 6, 2023

ONM-ABO Waxabajjii 6, 2023

Dirree diimokiraasii babali’fnaa fi nageenya waaressina jechuun afaaniin soba Kan afarsu fashistiin Abiy Ahimed faallaa isaa waraana isaa uummatatti bobbaasuun namoota nagaa lafaa fi dagaa qaxxaamuru hundatti lubbuu qulqulluu baasaa jira.

Waxabajjii 3, 2023 godina lixa Wallaggaa ona Mana Sibuu keessatti dargaggoota lama waraanni shororkeessaan bilxiginnaa badii tokko malee qabuun bakka kuusaa ibsaa magaalaa Mandiitti ajjeessanii gatuun reeffi isaanii akka hin kaane godhanii, guyyaa lama booda erga bineensi irraa nyaatee Waxabajjii 5, 2023 dhiibbaa jaarsoliin biyyaa fi hawaasni taasisaniin maatiin dargaggoota kanaa reeffa fudhachuu maddeen magaalaa Mandii himan.

Dargaggoonni lamaan gara laafina tokko malee waraana sirnichaan ajjeeffaman Kun Iyyaasuu fi Yooseef Kan jedhaman yoo ta’an, dhalootaan ganda Waamaa Kan ta’aniidha.

Dargaggoonni Kun qooda fudhannaa siyaasaa kamiyyuu Kan hin qabne ta’uu maddeen himuun, badii tokko malee waraana bilxiginnaan ajjeeffamanii bakkeetti gatamuun Kan isaan gaddisiise ta’uu maddeen dabaluun Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himan.


Leave a Reply