• Thu. Nov 26th, 2026

Godina Qellem Wallaggaa aanaa Daallee Waabaraa keessatti waraanni biltsigginnaa Maatii qabsaa’otaa reebuun mana hidhaatti guuraa jiraachuun dhagaa’ame 

Jun 6, 2023

ONM-ABO Waxabajjii 6, 2023

Humnoomuu fi babal’achuu Waraana Bilisummaa Oromoo irraa Kan ka’e caasaan waraana biltsiginnaa fi ergamttootni isaa diigamuun abdii kutannaa keessa seenanii namoota nagaa dararuu fi ilmaan Oromoo Oromummaan yakkuun reebuu fi hidhuun, ergama Impaayera Itoophiyaa tiksuu jedhu fudhatanii hojjechaa Jiru.

Haaluma kanaan godina Qellem Wallaggaa aanaa Daallee Waabaraa magaalaa Qaaqee irratti waxabajjii 28, 2023 tarkaanfii gootichi waraana Bilisummaa Oromoo onicha irratti fudhateen Kan baraagan kaabinoonni fi waraanni biltsiginnaa maatii qabsaa’ota hedduu reebuun mana hidhaatti guuraa jiru.

Maatiin qabsaa’otaa Kun maqaa ijoollee keessantu miseensa warana Bilisummaa Oromooti jedhuun mana hidhaatti dararamaa kan jiran obbo Gaaddisaa Geeloo, barsiisaa Malaakuu, obbo Kadir abbaa Jaal Xiiqii, Obbo Yooseef Abbaa Jaal Kaayyoo, obbo Lammeessaa Yaadataa, ijoollee isaanii Hundee Lammeessaa fi Abeel Lammeessaa waliin sababa  haleellaa jabaa waraanni Bilisummaa Oromoo onicha irratti fudhateef isintu nurratti fudhachiise jechuun reebicha ulfaataa erga irratti raawwataniin booda mana hidhaatti darbuun yaala malee hanga ammaa du’aa fi jireenya gidduu jiraachuu Maddeen keenya ona Daallee Waabaraa Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himan.

Leave a Reply