• Wed. Jan 7th, 2026

Kaabinoonni godina lixa Shaggar aanaa Ada’aa Bargaa caasaa isaanii diigame deebisanii ijaaruuf dhoksaan marii irra jiraachuun saaxilame

Jun 7, 2023

ONM-ABO Waxabajjii 7, 2023

Waraanni Bilisummaa Oromoo heddummaachuu fi humnoomuun tarkaanfii golee Oromiyaa mara keessatti mooraa diinaa irratti fudhatu jabeessuu irraa kan ka’e  caasaan murna biltsiginnaa sadarkaa gadii irraa hanga oliitti akkaataa deebi’ee ijaaramuu hin dandeenyetti diigamee jira .

Kaabinoonni biltsiginnaas caasaa isaanii diigame deebisanii ijaaruuf marii fi waltajjii dhoksaa sadarkaa garaagaraatti qopheeffachuun marii geggeessaa jiru.

Haaluma kanaan godina lixa Shaggar aanaa Ada’aa Bargaa keessatti waxabajjii 7, 2023 irraa eegaluun marii guyyaa lamaaf turu geggeeffachaa jiraachuu odeessi keessoo isaaniitii ba’e ni addeessa.

Marii kanas humna waraanaa gargaaramuun kallattii sochii waraana Bilisummaa Oromoo saaxiluun, seelii fi kanneen hidhata waraana Bilisummaa Oromoo qaban adamsanii hidhuu, ajjeessuu fi hundeen balleessuu irratti xiyyeefannoon akka irratti hojjechuu qaban marii guyyaa jalqabaa geggeessaniin murteessaniiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading