• Fri. Jan 2nd, 2026

Godina baha shaggar aanaa Liiban Cuqqaalaa fi Adaamii Tulluu Jiddoo Kombolchaa keessatti waraanni shororkeessaan Abiy Ahimed namoota sadii yoo ajjeesan, saamichas uummata nagaa irratti jabeessan

Jun 9, 2023

ONM-ABO Waxabajji 9, 2023

Aanota baha Shaggar hedduu keessatti ajjeechaa, saamichii fi dararaan Uummata nagaa irratti waraana shororkeessaa Abiy Ahimediitiin geggeeffamu jabaatee itti fufee jira.

Haaluma kanaan murni ilmaan Oromoo addatti xiyyeeffachun hidhuu, saamuu fi ajjeesuu aadeffate biltsiginnaan godina baha Shaggar aanaa Adaamii Tulluu Jiddoo Kombolchaa keessatti namoota nagaa ajjeesuun, manneen jiraattotaa gubuu fi saamicha hammeessee jiraachuu jiraattotni himan .

Ona Adaamii Tulluu Jiddoo Kombolchaa keessaa bakka addaa gaara aluutoo jedhamutti Namoonni nagaa waraana sirnichaan ajjeeffaman Amaanaa Shuulee galatoo fi Maammush Zallaqee kanneen jedhaman yoo ta’u, ajjeechaan Kunis tarkaanfii gootichi waraanni bilisummaa Oromoo waxabajji 5, 2023 irratti fudhateen baaraguun bifa haaloo baafachuutiin WBO dheessanii namoota nagaa kana akka ajjeessantu himama.

Kana malees namoonni manni jireenyaa Isaanii  waraana goolessaa sirnichaan jalaa gubate keessaa, Guuto guyyee, guyyee galatoo kanneen jedhaman guutummaatti qabeenya mana keessaa waliin gubanii barbadeessuun, Guutoo Galatoo jalaa ammoo loon 5 fi re’oota 10 offatanii, mooraa isaaniitti galchuun qalatanii nyaachaa jiraachuu jiraattotni ijaan argan himan.

Baha Shaggar aanaa Liiban Cuqqaalaa magaalaa Aduulaalaa keessattis  daa’ima xiqqaa Ganna 9 Siifan Abbooyyee jedhamu waraanni bilxginnaa yoo ajjeesaan, ganda Odaa Jiddaatti ammoo qabeenya obbo Soorechaa Araarsoo jedhamu doqdoqqee 1, bilbilaa harkaa lama saamuun ganda Addeele Mi’eechaa keessattis dargaggoo Namsoo Abarraa jalaa maallaqa 6000 saamuun, abbaa isaa obboo Abarraa jalaas maqaa Waraana Bilisummaa Oromoo deggertuutiin bilbila harkaa tokko jalaa fudhatanii deemuu jiraattotni Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himan.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading