• Wed. Jan 14th, 2026

Baha Shaggar Bulchiinsa Magaalaa Bishooftuu keessatti sabboontotaa fi dargaggoota adamsanii hidhuu hammeessan

Jun 10, 2023

ONM-ABO Waxabajjii 10, 2023

Gootichi Waraana Bilisummaa Oromoo baha Shaggar Bulchiinsa Magaalaa Bishooftuu seenuun tarkaanfii boonsaa fudhachuun waan barbaade fudhatee erga ba’ee as, sodaa fi yaaddoo guddaan guutamuun magaalicha keessaa sabboontota keessaayyuu kallattii gara Lixa Shaggarii fi Lixa Oromiyaa irraa dhufan adamsanii qabuun mana hidhaa keessatti hiraarsaa jiru.

Qunnamtii keessaniin Waraanni Bilisummaa Oromoo magaalaa seenee tarkaanfii fudhate jechuun dargaggoota lagaan qooduun rakkisaa kan jiran yoo ta’u hojjettoota mootummaa kanneen sekteraalee garaa garaa keessaa hojjetanis hidhanii turuu maddeen keenya gabaasaniiru.

Dargaggoo Zelleqee Taaddegee jedhamu halkan mana isaatti ol itti seenuun qabanii kan hidhan yoo ta’u, waan inni hin beekneen reebicha hamaa irratti gaggeessuun miilla tokko cabsuun, yaala akka hin argannellee dhorkanii jiraachuu maddeen keenya himaniiru.

Dargaggoo Tagibaaruu Kabbadee hojii tiraafikaatti bobba’uun waggaa dheeraaf magaalaa sana kan tajaajile yoo ta’u, sababuma dhalataa lixa Oromiyaa ta’eef qabanii hidhuun reebicha hamaa irraan ga’aa jiraachuunis beekamee jira.

Erga tarkaanfiin Magaalaa Bishooftuu irratti fudhatamee Bulchiinsi magaalaa Bishooftuu Faannoo Walloo fi Affaar irraa gara magaalittii galchuun bifa uummataatiin socho’anii hojii tikaa akka hojjetanii fi namoota shakkaman halkan ukkaamsuun reebicha hamaa irraan ga’uun hidhaa akka jiran maddeen keenya odeessa qaama mootummaa irraa argataniin gabaasaniiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading