• Thu. Mar 12th, 2026

Godina Wallagga lixaa aanaa Mana Sibuu keessatti Kaabinoonni Murna bilxigginnaa Xaa’oo uummata dhorkachuun dantaa dhuunfaaf oolfachaa jiraachuun dhagaa’ame

Jun 10, 2023

ONM-ABO Waxabajjii 10, 2023

Kaabinoonni bilxiginnaa qonnaan bultoota xaa’oo fi Sanyii filatamaa dhorkachuun Oromiyaa kutaalee garaagaraa keessatti aangoo isaaniitti fayyadamuun dhoksaan gurguratanii dantaa dhuunfaa isaaniif olfachaa jiraachuun saaxilame.

Haaluma kanaan godina lixa Wallaggaa aanaa Mana Sibuu keessatti Kaabinoonni bilxigginnaa waqtii qonnaan bultootni hojii qonnaatti bobbaa’anitti Xaa’oo fi Sanyii filatamaa waan dhorkataniif qonnaan bultootni komii qaban dubbatan.

Jiraattotni godina lixa Wallaggaa ona mana Sibuu dabalatee hedduun hojii qonnaa irratti bobba’uun kan jiraatan yoo ta’u, kaabinoonni murnichaa maqaa uummataatiin Xaa’oo baay’inni Isaa kuntaala dhibba ja’aa (600) ol ta’u godina irraa gara ona Mana Sibuu fiduun kuntaala 500 Kaabinoonni dhuunfaa isaanii qooddachuun gurgurachaa Kan jiranii fi namoota siyaasa sirnichaa qofa hordofaniif kuntaala dhibba tokko kennuuufiin gandoota baadiyyaa magaalichaa irraa fagoo ta’etti geessuun qonna gaggeessuu hin qabdan jechuun akkeekachisuu jiraattotni himan.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading