ONM-ABO Waxabajji 13, 2023
Hidhattootni Amaaraa faannoon harkisaa fi deggersa koloneel Abiy Ahimadiin daangaa Oromiyaa cabsanii seenuun qe’ee uummata Oromoo keessatti gocha gara jabinaa fi ajjeechaa suukanneessaa isaan raawwatan godaannisa seenaa hin dagatamneedha.
Haaluma kanaan humnootiin badii Amaaraa Kun gocha Isaanii dabaa ilmaan Oromoo irratti raawwatan itti fufuun, godina Horroo Guduruu Wallaggaa aanaa Amuruu bakka Siidaan jedhamutti dheengadaa halkan waxabajji 11, 2023 daa’imaa ganna 1 maqaan isaa Dhinsaa Baraasaa jedhamu haadha isaa waliin bakka tokkotti bifa suukanneessaan ajjeesan.
Humnootiin finxaaleyyii Amaaraa faannoon Kun waraana faashistii Abiy Ahimed waliin Wal tumsuun, kutaalee Oromiyaa garaagaraa keessatti bobba’uun, Oromoo fi Oromummaa hundeen balleessuuf ajjeechaa, saamicha, manneen gubuu fi manca’iinsa qabeenyaa raawwachuun gaagaa’ama hedduu geggeessee jira.
Keessattuu aanota godina Horroo Guduruu Wallaggaa fi baha Wallaggaa keessatti irra deddeebiiin haleellaa raawwataniin miidhaa lubbuu, qabeenyaa fi sarbiinsa mirga namoomaa akkasumas yakkoota waraanaa seera Idil Addunyaa cabsan raawwataniiru.



