ONM-ABO Waxabajji 13, 2023
Riphee lolaan bakka cunqursaa fi abbootiin irree jiran cufatti ni jira kan jedhan ajajaan olaanaa ABO_WBO Jaal Marroo Dirribaa, hanga mootummootni cunqursoon teekinooloojii addunyaan irra geessetti fayyadamuun aangoo isaanii jabeessuuf hojjetan riphee lolaaf haalli fooyyee hedduun hin argamne jechuun barnoota eegalan.
Kanaaf ammoo jedhan, akka jaarmiyaa bilisummaaf qabsaa’uutti haala addunyaan gama hundaan irra geesse ilaallee, yaad-rimee waraana riphee lolaa kan Che Guevara, Ochi Miinii fi Mao Ze Dong faatti haala qabatamaa naannoo keenyaa fi murna ittiin wal’aansoo wal qabaa jirru ilaallee tooftaalee dhaabbataa fi jijjiiramaa itti daballee hojjechaa jirra jedhan.
Ulaagaa waraanummaa, naamusa, haala yeroo addunyaa, impaayera Itoophiyaa, shiraa, gaafatamummaa, uummata Oromoo, bilisummaa, biyya, ijaarsa waraanaa, dudduubee qabsoo bilisummaa Oromoo fi kkf irratti yeroo fudhachuun ibsa erga laatanii, hirmaattota hirmaachisanii hubannoon dhaloota dhaalchisan akka argamu ta’ee jira.
Leenjii kana irratti hojiiwwan gootichi Waraana Bilisummaa Oromoo waggoottan shanan kana keessatti raawwate, keessaayyuu gama hanqinaa kaasuun, barnooticha keessatti akka of ilaalan taasisuun fuula dura gocha kana irraa akka of eeganii fi carraa sanaanis of qeeqan taasifamaa tureera.
Qabiinsa hawaasaa irratti rakkoon jiraachuu kaasanii uummata keenyaaf bakka to’anne cufatti koree bulchiinsa bilisummaa yeroo ijaaruun ofiin of bulchuu fi seera dhugaan akka jiraatu gochuu qabna jedhan.
Leenjiin kun Waxabajji 5-8/2023tti guyyoota afuriif kennamaa kan ture yoo ta’u, qondaaltota waraanaa zooniilee adda addaafis haalli haanja’ee akka kennamu barameera.
Leenjifamtootni kanneen qondaalummaan hojii qabsoo hidhannoo zoonichaa keessatti hojjechaa jiran leenjii argatanitti gammaduun, hanqina hojii keessatti uumne irraa barannee waraana sirrii yookiin qabsaa’aa bilisummaa sirrii ta’uun gaafatama qabnu sirnaan baanee kaayyoo galmaan ni geenya jechuun yaada isaanii ibsaniiru.










