• Wed. Nov 25th, 2026

Baha Shaggar Magaalaa Adaamaa keessatti dabballoonni PP muddamsuu keessa galuun waltajjiin uummata daraaruu fi dorsiisuun burjaajessaa jiru

Jun 14, 2023

ONM-ABO Waxabajjii 14, 2023

Dambalii humna WBO Oromiyaa raasaa jiru ilaaluun PP’n  uummata nagaa dararuun amala isaa ta’us, yeroo humni WBO Finfinneetti dhiyaachuun tarkaanfilee jajjaboo fudhataa jirutti yaaddoo hamtuu keessa galuun fuula haaraa jechuun mana hidhaatti nama guuraa jiru.

Magaalaa Adaamaa keessatti namni fuula haaraa arge eeruu nuuf kenne ni badhaafama jechuun afaan faajjii uumaa kan jiran yoo ta’u, namoota mana kiraa qabaniin nama fuula haaraatti akka hin kireessinee fi, namni magaalaa Adaamaa keessaa mana kireeffachuu danda’u, nama xalayaa deggersaa bakka dhufe irraa fidatee dhufe ta’uu qaba jechuun namoonni mana isaanii akka hin kireeffanne dhorkaa jiru.

Itti dabaluunis, namoota gara Boosat fi Fantaallee irraa dhufaniif mana akka hin kireessine jechuun akeekkachiifamanii kan jiran yoo ta’u, maaliif jedhamanii yeroo gaafatamanitti dargaggoon gara sanaa dhufan ergama WBO baatanii dhufuu danda’u waan ta’eef akka jedhamanis jiraattonni ni dubbatu.

Dargaggoota kallattii Aanaa Fantaallee fi Boosat irraa dhufuun magaalaa Adaamaa keessatti jiruu fi jireenya isaanii gaggeeffatan hedduu shakkiidhaan hidhanii rakkisaa akka jiranis jiraattonni dabaluun ibsaniiru.

Leave a Reply