ONM-ABO Waxabajjii 14, 2023
Geggeessitootni Impaayera Itoophiyaa maqaa badhaadhina jedhu moggaafachuun waggoota shanan gara aangootti dhufan irraa eegalee guutuu Oromiyaa keessatti tajaajila dhaabbilee hawaasa uummata Oromoo irraa kutuun, dhiibbaa garaagaraa uumaa turuun kan beekamu yoo ta’u, dhiyeenya irraa eegaluun ammoo naannawwaa Finfinnee bulchiinsa magaalaa Haqaaqii fi naannawwaa ishee keessaa neetwoorkii dhabamsiisuun miidhaa sirnichi raawwachaa jiru jabaataa ta’uutu himama.
Tajaajilli Neetwoorkii qunnamtii addaan kutuun bulchiinsa magaalaa Finfinnee naannoo Haqaaqii jedhamuun beekamu kana keessatti, namoota hedduu qabuun mana hidhaatti guuraa jiraachuu himuun, qabeenyaa namootaas barbadeessaa jiraachuu maddeen bulchiinsa magaalichaa ibsan.
Namoota naannoo sanatti hidhamanii dararamaa jiran keessaa Obbo Milkeessaa Birruu, Obbo Abbishuu, Dargaggoo Baalchaa Fakkasaa, Dargaggoo Addunyee Lammii, Roorrisaa Jimaa, Obbo Raajii Garasuu fi Obbo Tashoomaa Kabbadaa namootni jedhaman namoota maqaan nu hin qaqqabne hoggaa ta’u, Isaan dabalatee jiraattotni hedduun hidhamanii dararamaa jirus jedhame.
Oduu dabalataan ammoo ganda Odaaf kattichaa keessatti Waxabajji 8, 2023 waraanni bilxiginnaa Dargaggoo Baattoo Birruu jedhamu jalaa doqdoqqee 1 yoo saaman, Nama Obbo Illikuu Maraa jedhamu jalaas loon 10 ooffachuun saamicha irratti gaggeessuu fi magaalaa Xiqqoo Roobii jedhamtu keessaa Nama maqaan isaa Obbo Seefuu Daggafaa jedhamu jalaa soolaarii, TV wajjin qabeenya Qr. 40,000 olitti tilmaamamu caccabsuun tajaajilaan ala taasisuun beekame.






