• Thu. Mar 12th, 2026

Kaabinoonni bilxiginnaa godina baha Wallaggaa ona Gudayyaa Biilaa qonnaan bultoota sanyii filatamaa fi xaa’oo dhorkachuun gurgurachaa jiraachuun saaxilame

Jun 14, 2023

ONM-ABO Waxabajji 14, 2023

Uummanni Oromoo kutaalee Oromiyaa garaagaraa keessa jiraatu irra caalaan isaa hojii qonnaatti bobba’uun jiruu fi jireenya isaa kan geggeeffatu yoo ta’u, dhiibbaa sirnichaatiin hojii qonnaa danqamuun oomishni xiqqaatee rakkoon midhaan nyaataa fi qaala’iinsi jireenyaa dachaan dabalaa deemaa jira.

Sababa Kaabinoonni bilxiginnaa kutaa Oromiyaa mara keessatti xaa’oo fi sanyii filatamaa qonnaan bultootaaf dhiyaatu saamuun abbootii qabeenyaatti kennuun dhoksaan gurgurachaa waan jiraniif, gatii madaalawwaa fi hangi barbaadamu qonnaan bultoota qaqqabuu hanqachuun, Kaabinoonni bilxiginnaa dantaa dhuunfaa isaaniif olfachaa jiraachuutu dhaga’aama jira.
Haaluma kanaan godina baha Wallaggaa aanaa Gudayyaa Biilaa keessatti bulchaan aanicha obbo Fiqaaduu Gammachuu jedhamuu fi  itti gaafatamaan waajjiira qonnaa aanichaa waliin ta’uun, xaa’oo fi sanyii filatamaa qonnaan bultootaaf dhufe saamuun firaan walii kennuu fi abbootii qabeenyaatti kennuun dhoksaan gurgurachaa akka jiran jiraattotni himuu.

Aanaan Gudayyaa Biilaa gandoota baadiyyaa 13 fi bulchiinsa magaalaa lama qabdu keessatti qonnaan bultootni rakkoo xaa’oo fi sanyii filatamaa kana dhabuutiin, hanqinni midhaan nyaataa fi qaala’iinsi jireenyaa kan bara darbee dachaan dabaluu danda’a jechuun yaaddoo qaban ONM tti himan.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading