• Fri. Mar 20th, 2026

Godina Horroo Guduruu Wallaggaa aanaa Jimma Raaree keessatti waraanni faashistii bilxiginnaa qonnaan bulaa tokko hidhuun, qabeenya isaas saaman

Jun 17, 2023

ONM-ABO Waxabajji 17, 2023

Ilmaan Oromoo Oromummaan yakkee hidhuu fi ajjeesuun qabsoo uummata bal’aan geggeeffamaa jiru laamshessuu fi duubatti harkisee bu’aa siyaasaa irraa sharafachuuf, karooraa fi sagantaa qindoomina  qabuun hojjechaa turus, ajjeechaa akkasumas gidiraan ilmaan Oromoo saalaa fi umuriin osoo adda hin qoodin  taasifamu kasaara malee bu’aa argamsiiseef hin qabu.

Murni badii isaa irraa barachuu hin dandeenye bilxiginnaan dararaa ilmaan Oromoo irraan ga’u itti fufuun godina Horroo Guduruu Wallaggaa aanaa Jimmaa Raaree ganda Babal’aa keessatti dheengadda waxabajji 14, 2023 maqaa sakatta’iinsa Waraana Bilisummaa Oromoon bobbaa taasisaniin qonnaan bulaa tokko qabanii hidhuun, qabeenya isaas saamuu maddeen gabaasan.

Qonnaan bulaan waktii qonnaa  kanatti yeroo itti hojii qonnaatti bobba’uun jiruu fi jireenya isaa  egereef tattaafatutti obbo Abdiisaa Xannaa qabeenya isaa saamanii isaas mana hidhaatti darbachuun dararaa jiru.

Namni obbo Abdiisaa Xannaa jedhamu kun nama siyaasa kam keessattiyyuu hirmaatee hin beeknee fi uummata naannoo isaa birattis jaallatamummaa akka qabu maddeen dabaluun ibsuun sababa inni hidhaatti darbatameef maatiin rakkachaa jiraachuu himaniiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading