• Wed. Nov 25th, 2026

Maqaa abbaa amantiin lubni yakka hojjechaa ture hawaasa naannoon magaalaa Mojoo keessatti to’atame

Jun 17, 2023

ONM-ABO Waxabajji 17, 2023

Amantii Ortodoksii da’oo godhachuun lubni naannoo Amaaraa irraa Oromiyaa keessatti bobba’aan hojiilee safuu hawaasaa cabsanii fi hawaasa wal irratti kakaasan hojjechuun diigumsa Oromoo gidduutti babal’isuu irratti hojjetu.

Dhiyoo kana irraa eegaluun gochi maqaa abboota amantii da’oo godhachuun Oromiyaa keessatti hojjetamu irratti kan dammaqe hawaasni Oromoo, namoota gocha kana raawwatan qabaa jira.

Haala kanaanis kaleessa Waxabajji 16, 2023 lubni amantii Ortodoksii da’oo godhatee konkolaataa dhuunfaan gara baha Shaggar magaalaa Mojootti imale lukkuu gurraattii konkolaataa keessa godhachuun magaalattii naanna’aa ooluun uummanni shakkiin hordofee qabee jira.

Lubni maqaa amantii da’oo godhatee gocha fokkisaa amantiin alaa hojjetu kun guyyaa dheengaddaa Waxabajji 15 magaalaa Mojoo kan dhufe yoo ta’u, erga achi ga’ee kaasee lukkuu kana waliin socho’aa turuu uummanni dubbatu.

Abbaa  amantii  of fakkeessee konkolaataa qabatee socho’aa kan ture lubni kun miseensa Faannoo tokko waliin ture kan jedhan jiraattotni, namootni lukkuu kana magaalaa Mojoo naannessaa turuun naannoo mana barumsaa Ifa Boruu qotanii awwaaluuf yeroo jedhanitti qabaman.

Sochii lubni kun konkolaataa qabatee lukkuu gurraattii kana waliin socho’us, hojii falfalaa magaalicha irratti hojjechuuf akka deemaa jiru akka shakkanii fi yeroo qabanii magaalaa Mojoo keessa deemsisanis sagaleen gocha isaa kana balaaleffachaa duddubaa deemaa akka turan ragaan suur-sagalee fi namoota irraa arganne ni addeessa.

Leave a Reply