ONM-ABO Waxabajjii 17, 2023
Ilmaan Oromoo goyomsaa fi humnaan qabamuun mooraa leenjii waraana bilxiginnaa geeffamanii leenjii fudhachuun impaayera Itoophiyaa tiksuuf bobbaafaman akeeka Abiy Ahimed bobbaaseef dhiisuun qawwee fi hidhannoo waliin WBOtti harka kennachaa jiru.
Haala kanaanis har’a Waxabajjii 17,2023 miseensotni waraana Abiy Ahimed 2 sabummaan Oromoo ta’an kaayyoo abaaramaa sirnichi qabatee jiru jibbuun godina Arsii bahaa mooraa waraana bilxginnaa aanaa Heexosaa irraa qawwee AKM Turkey 1, dachaatuu 1, rasaasa 300, gumbii 5, boombii fi hidhannoo 2 qabachuun mooraa diinaa gananii gooticha Waraana Bilisummaa Oromootti harka kennatanii jiru.
Gootichi Waraana Bilisummaa Oromoo naannicha keessa socho’u Cibraan Jaal Nadhii Gammadaa miseensota kanaaf simannaa hoo’aa gochuun ilmaan Oromoo qawwee diinaa baachaa jiran daandii isaanii hordofuun akka dhufanii qabsoo sabaatti makaman dhaamaniiru.



