ONM-ABO Waxabajji 19, 2023
Murni faashistii PP heera impaayerattiin qabdu akka fedha isaatti itti fayyadamuun taayitaa isaa jabeessuu qofaaf hojjetu, mirga uummanni bilisaan socho’uu ugguruun labsii garaagaraa akkaataa naannootti baasuun uummata rakkisaa jira.
Haaluma kanaan Kamisa darbe Waxabajji 14, 2023 irraa qabuun godina Iluu Abbaa Booraa aanaa Allee magaalaa Goree keessatti galgala galgala konkolaataan akka hin sochoone taasisanii jiru.
Caasaan murna faashistii PP magaalaa Goree kun uummata daandii gubbaatti arganis kan reeban yoo ta’u, manneen dhugaatii, mana nyaataa fi dukkaanotas yeroo malee cufuun uummata rakkisaa akka jiran barameera.
Tarkaanfii kanas maqaa Faannootu as keessa galeen hojjechaa jiraachuu kan nuuf himan maddeen, maqaa Faannoo of dura haa qaban malee sochii Waraana Bilisummaa Oromootu jira jechuun dhoksaan hojjechaa jiraachuu fi dhimma Faannoon wal qabatu itti gaafatamaan milishaa aanichaa sabaan Amaara waan ta’eef miidhaa inni Oromoo addatti qoodee raawwachaa jiruufuu deebii hin taane, jechuun komii caasaa bilxiginnaa aanichaa irraa qaban Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.



