• Wed. Nov 25th, 2026

Loltootni raayyaa ittisa impaayerattii Lixa Wallaggaa aanaa Begii ganda Gaara Kormaa keessatti nama tokko ajjeesuun qabeenya namootaas saaman

Jun 19, 2023

ONM-ABO Waxabajji 19, 2023

Abbaa fi haadha, Firaa fi obbolaa walumaa galatti maatii qabsa’aa ta’uun ija yakkaan ilaalamee, Oromiyaa keessatti caasaaleen PP namoota hedduu ajjeesuun, horii fi qabeenyas saamaa, qe’ees barbadeessaa uummata Oromoo irratti miidhaa qaamaa qalbii raawwachaa jiru.

Oduuma kanaan wal qabatuun waxabajji 17, 2023 namni Ahimad Xilahuun jedhamu aanaa Begii ganda Gaara Kormaa jedhamtu keessatti waraana raayyaa ittisa impaayerattii Abiy Ahimediin bobbaafamaniin ajjeefamuu jiraattotni dubbatan.

Namni waraana sirnichaan ajjeefame kun abbaa ilmaan shanii yoo ta’u, ati obboleessa Jaal Bilisummaa Guutaati ittiin jechuun rasaasa shaniin rukutanii ajjeesuu kan himan jiraattotni, gandichuma keessatti dunkaanni jiraattotaa 10 ol ta’u loltoota imaayerattiin saamamuullee dabaluun Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Leave a Reply