ONM-ABO Waxabajji 19, 2023
Odeessi Biiroo Barnoota Bilxiginnaa Oromiyaa irraa ba’aa jiru akka saaxiletti caasaan barnootaa murna faashistii PP akkuma yeroo darbee barattootni kutaa 8ffaa qormaata fudhachuuf qopha’aa jiran karoora maallaqa isaan baasisu qopheeffatee dhufuun barameera.
Barattootni kutaa 8ffaa yeroo dheeraaf qe’ee itti baratanitti qormaataaf qophaa’uun kan fudhatanii fi deggersi maatii isaanii biraa hin dhabamu.
Amma garuu daa’imman ganda isaanii malee hin beekne yeruma tokkotti magaalaatti ba’aanii qormaata akka fudhatan taasisuun maallaqa baasisuu qofa osoo hin taane miidhaa qorqalbii keessa galchuun milkoomina qormaata isaanii irratti miidhaa akka fidu ni beekama.
Qormaatni biyyoolessaa kutaa 8ffaa guutuu Oromiyaa keessatti kennamu erga haala kanaan kennamuu eegalee barattootni baadiyyaa fi harka qalleeyyiin miidhamaa akka jiran kan nuuf himan maddeen, caasaan bilxiginnaa rakkoo ofii uumeen barnoota ga’aa illee osoo barattoota kanaaf hin kenniin baasii fi dararaa adda addaaf barattoota akkasumas maatii barattootaa saaxilaa jira.



