• Thu. Nov 26th, 2026

Godina Gujii Bahaa  aanaa Aagaa Waayyuu magaalaa Daawwaa keessatti waraanni garee maafi’aa PP dargaggoota lama yoo ajjeesan, Sabbaa Booruu keessatti namoota nagaa hidhuu itti fufan 

Jun 21, 2023

ONM-ABO Waxabajjii 21, 2023

Toofta boodatti hafaa fayyadamuun gareen maafi’aa PP akka waan Oromoo yoo ajjeesan qabsoo isaa irraa duubatti deebisuutti fudhachuun lafa socho’an cufatti maqaa ilaalcha siyaasaan yakkee  ilmaan Oromoo dhiiga dhangalaasaa oolu.

Haaluma kanaan godina Gujii bahaa aanaa Aagaa Waayyuu magaalaa Daawwaa keessatti dargaggoota hedduu badii isaanii malee  isintu waraana keenya Waraana Bilisummaa Oromootti geessa jechuun qabanii erga hidhaniin booda guyyaa dheengaddaa Waxabajjii 19, 2023 dargaggoota 2 mana hidhaatii baasuun hawaasa gidduutti rasaasa itti roobsanii ajjeessan jedhu maddeen keenya magaalichaa.

Akka maddeen keenya jedhanitti dargaggoonni kun hojii isaanii akka hin taanee fi siyaasa irraa bilisa ta’uu himuun kaayyoon isaanii uummata Oromoo lafa irraa duguuguu fi hawaasa shororkeessuuf akka ajjeessan dabaluun dubbatu.

Oduu biraatiin aanaa Adoolaa Reeddee keessatti Maqaa Waraana Bilisummaa Oromoo deggartu, nyaachistuu fi karaa itti agarsiistu jedhuun namoota nagaa irratti reebicha humnaa olii raawwachaa kan jiran yoo ta’u loon hawaasaas oofatanii deemuun qalatanii nyaachaa jiru jedhu.

Kana malees saamichi akka maallaqaa, bilbilaa fi faaya mormaa hidhattoota garee maafi’aa kanaan raawwachaa jiraachuu fi namuu  halkan sa’a 12:00  olitti ba’anii deemuuf rakkoo hamaa keessa jirus jedhu.

Aanaa Sabbaa Boruu ganda Loollotuutti waraanni faashistii PP abbaa maatii ja’aa nama ta’e Alaakaa Gammadaa  Waxabajjii 17, 2023 erga ajjeesaniin booda awwaalcha isaa irratti maaliif argamtaniif obbo Dooyyoo Gadaa dabalatee namoonni afur Waxabajjii 19 hidhamanii jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.


Leave a Reply