• Thu. Nov 26th, 2026

Ilmaan Oromoo godina Lixa Wallaggaa aanaa Hoomaa keessatti namni 1, Sayyoo keessatti namootni 3 waraana bilxiginnaan yoo ajjeefaman, magaalaa Gambeelaa keessatti namootni 2 hawaasa Nuweerii fi Anyuwaan ajjeefamuun barame 

Jun 21, 2023


Erga Abiy Ahimed maqaa jijjiiramaa, ilma abbaa gadaa fi ce’umsa diimookiraasiin aangootti dhufee ilmaan Oromoo hanga bineensaa hanqachuun rasaasaan rukutamaa, dhiigni dhangala’aa fi lubbuun obba’aa ooluun yeroo fi daangaa lafaa dhabee jira.
 
Haaluma kanaan godina lixa Wallaggaa aanaa Hoomaa ganda Waragoo_Arsammaatti qeerroo Takiluu Luuccaa jedhamu Waxabajjii 19, 2023 ganama waraanni faashistii PP ajjeesan.
 
Godina Qellem Wallaggaa aanaa Sayyoo ganda Sanaagaatti Waxabajjii 16 namoota nagaa 2 yoo ajjeesan Waxabajjii 17 aanuma Sayyoo ganda Eeshoo bakka Dinbaarii jedhamtutti abbaa maatii Saamu’el Disaasaa jedhamu waraana keenya du’e irraa qawwee situ fudhate jechuun manaa gadi waamanii ajjeesan.
 
Uummanni Oromoo Oromiyaa keessatti waraana Abiy Ahimed fi finxaaleyyii Amaaraan ajjeefamuun hiree jireenyaa dhabee naannoolee impaayeerattii keessattis carraan wal fakkaataan isaan mudataa jira.
 
Guyyaa dheengaddaa Waxabajjii 19 mootummaa naannoo Gambeelaa magaalaa Gambeelaa bakka bishaan Baaroo Jiniinaa Gajjallaatti dargaggoo Oromoo Abdii Gammachiis jedhamu namni Anyuwaak tokko qabee bishaanii Baarootti darbachuun ajjeesee jira.
 
Kaleessa Waxabajjii 20 ammoo achuma magaalaa Gambeelaa bakka Kerkidii jedhamutti ilmaan Oromoo Nasiraddiin Jamaal jedhamu dhalootaan magaalaa Naqamtee ta’e hawaasa Nuweer irraa namni Took Paal jedhamu mana barumsaatti cuubeen waraanee ajjeesuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Leave a Reply