ONM-ABO Waxabajjii 21, 2023
Ilmaan Oromoo godina Walloo magaalaa kamisee keessatti sababa Oromummaa isaaniif jecha duulli jabaan itti banamuun ajjeefamaa, buqqifamaa fi hiraarfamaa kan har’a ga’an yoo ta’u, yeroo dhiyoo asitti ammoo murnoonni Bilxiginnaaa maqaa garaa garaa itti maxxansuun jumlaan qabanii mana hidhaa magaalaa kamisee keessatti gidirsaa jiraachuun beekameera.
Haaluma kanaan namoota hidhamanii hiraarfamaa jiran keessaa kan maqaan nu ga’e; Ustaaz Abdallaxiif Sharafaddiin (abbaa amantaa) magaalaa Kamisee, Aliyyii She Umar, Sulxaan She Umar, Adem Mahaammad, Abdallaa Mahammad Hasan, Artist Sa’ad Awwal, Saadaa/Daraartuu (Oromtittii Raayyaa), Halkoo Ibraahim, Said Ahimad Muhittii, Abbuunu Umar Abbuunuu, Aliyyii Tuutto, Adem Bilxuu, Umar Hamiduu, Umar Mahaammad Hasan, Ahmed Adem (Qaraanbul), Mahaammad Hasan Muusaa, Umar Ahimed Mootii (Umar Diimaa), Abdul Aziiz Indiris, Abdellaa She Hasan, Umar Garbisoo, Aliyyii Huseen Aayyaa, Ahimeddiin She Umar, Ahimed Abdallaa She Umar, Abdallaa Mahaammad Hasan, Ahimed Abdellaa She Umar, Abdallaa Umar Bilee, Mahaammad Abdellaa Umaree, Aliyyii Adam Alii, Umar Hasee, Ahimed Abdallaa She Umar fi Mahaammad Ahmed yoo ta’an isaan kana malee namoonni hedduun sababa siyaasaatiin himataman hidhamanii dararamaa jiraachuu maddeen himan.
Akka maddeen jedhanitti mana sirreessaa magaalaa Kamisee keessa hidhamtooni 700 ol akka walii galaatti kan jiran yoo ta’u, isaan keessaas hidhamtootni siyaasaa maqaa juntaa fi Shanee jedhamu itti moggaasuun himataman namoota 334 akka ta’an Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.






