• Wed. Nov 25th, 2026

Kaadirootni PP baha Shaggar magaalaa Bishooftuu keessatti barsiisota 4 qabanii hidhuun hiraarsaa jiraachuun beekame 

Jun 21, 2023

ONM-ABO Waxabajjii 21, 2023

Dhaloota oomishee qaree bobbaasuun dukkana doofummaa kan dhabamsiisu barsiisaan, kabajaa fi ulfinni kan maluuf ta’ullee, faallaa isaa impaayerattii keessatti barsiisonni kaadiroota sirnichaan salphachuun hidhamanii gidiraa argaa jiru.

Haaluma kanaanis baha Shaggar magaalaa bishooftuu keessatti barsiisonni Boonsaa Bayyanaa, Gaaddisaa Tolasaa, Raggaasaa fi Sanyii Guddinaa jedhaman Caamsaa 27, 2023 qabamanii hidhamuun hanga har’aatti hiraarfamaa jiraachuun barameera.

Barsiisonni kunneen barsiisota hojii isaaniitti xiyyeeffachuun manneetii barnootaa garaagaraa irraa barsiisuun jiruu isaanii gaggeefatan yoo ta’an, WBO’n magaalaa Bishooftuu seenuuf jedha isin ammoo as teessanii haala mijeessaafii jirtu jechuun qabamanii erga hidhamanii torbanootni sadii ol kan darban ta’ullee hanga ammaatti dhimmi isaanii qoratamee furmaatni waaraan kennamuufii dhabuun mana hidhaa keessatti rakkoo ulfaataa argaa kan jiran ta’uun barameera.

Leave a Reply