ONM-ABO Waxabajjii 21, 2023
Waraanni PP saamichaa fi mancaatiif uummata nagaatti bobbaafaman, guyyaa guyyaan qonnaan bultoota hojii qonnaa irratti bobba’uun ofii fi maatii isaanii jiraachisan irratti saamicha gaggeessuun hiyyummaaf saaxilaa jiru.
Haaluma kanaanis Guyyaa kaleessaa jechuun Waxabajjii 20, 2023 godina baha Wallaggaa aanaa Leeqaa Dullachaa ganda Haroo Shakkoo keessatti waraanni maafi’aa PP, milishaa, farra riphee lolaa fi poolisii Oromiyaa kanneen jedhaman gandichatti imaluun uummata nagaa daboo walii ba’uun qonnaa qotaa turan irratti dhukaasuun akka isaan tamsa’an godhan jedhu maddeen.
Uummanni daboo waliif hojjachaa jiran kun dhukaasa isaan irratti dhukaafame kanaan rifaatu keessa galuun yeroo baqatanitti hidhattootni kun sangoota qonnaan bultootaa 26 fudhatanii deemuun gara magaalaa Baandiraa jedhamuutti galuu maddeen gabaasan.
Namoota sangoonni isaanii hidhattoota kanaan saamame keessaa kan maqaan nu ga’e Duulaa Yasuuf nama jedhamu yoo ta’u, nama kana jalaa sangaa Cimdii 2 jechuun qotiyyoo afur jalaa hiikkatanii kan deemanii fi isaafi namoota maqaan isaanii nun qaqqabin hedduu jalaas qabeenya naannoo ooyiruu qonnaa jirus saamuu himan.


