• Fri. Mar 13th, 2026

Godina Arsii Bahaa Aanaa Muunessaa keessatti dargaggoota obboleeyyan 3 qabanii hidhuun abbaa isaaniis manatti doorsisaa jiraachuun ibsame

Jun 24, 2023

ONM-ABO Waxabajjii 24, 2023

Godina Arsii Bahaa Aanaa Muunessaa keessatti waraanni PP dargaggoota obboleeyyan 3 lafa qonnaatii qabuun mana hidhaatti hiraarsaa jiru. Mana hidhaa kana keessatti uffata jijjiirratan dhorkachuufi nyaata maatiin geessu akka hin kennamneef gochuun dararaa guddaa keessa akka jiran Arraati Biyyoolessa Oromiyaa Odeeffateera.

Waxabajji 21, 2023 Aanaa Muunessaa ganda Odaa Leencaa keessatti dargaggoota maqaan isaanii Walbeekaa Fooggaloo Roobaa Fooggaloo Kabbitee Fooggaloo jedhaman lafa qonnaa, bakka isaan hojii qonnaa hojjetaa jiranitti itti dhaquun afaan qawween ukkaamsanii harka duubatti hidhuun qabanii deemuun mana hidhaa magaalaa Qancarree keessatti hidhanii dararaa akka jiran jiraattonni dubbatu.

Abbaa isaanii, Obbo Fooggaloo Ogatee maanguddoo ganna 80 mana jireenyaa isaatti itti dhaquun ilmaan kee miseensa WBO ti, situ hidhachiisee bobbaasee, bobbaa WBO naannoo kanaa ijoollee keetu masaka jechuun mana hidhaa geessuuf yoo jedhan, maanguddoon kun hin deemu, asumatti na ajjeesaa malee jedhee waan dideef jaarsa lafarra harkisanii dadhabnaan, barana hin baatu, deebinee si ajjeefna jedhanii itti dhaadatanii deemuu maddeen keenya ijaan argan gabaasaniiru.

Aanaa kana keessatti sabboontotaa fi maatii qabsaa’otaa dararuun akka malee jabaatee kan jiru yoo ta’u, erga sochiin WBO onicha keessatti jabaataa dhufee as ammoo waraannis ta’e dabballoonni gara Waraanaatti gadi ba’uu sodaachuun ollaa keessaa uummata dararaa oolus jedhaniiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading