• Mon. Mar 16th, 2026

Godina baha Wallaggaa bulchiinsa magaalaa Naqamtee keessatti obboleeyyan sadan butaman achi buutee dhabaman

Jun 24, 2023

ONM-ABO Waxabajjii 24, 2023

Hidhattootni murna faashistii PP  Wiixata darbe Waxabajjii 19, 2023 guyyaa saafaa naannoo sa’a 7:00tti obboleeyyan sadii godina baha Wallaggaa bulchiinsa magaalaa Naqamtee keessatti qabuun achi buutee dhabamsiisanii jiru.

Obboleeyyan sadan hidhattoota faashistii PP’n qabaman kun magaalaa Naqamtee naannoo Dirree Tokkummaa kireeffatanii kan jiraatan yoo ta’u, maqaan isaanii Taakkalee Fiqaaduu, Magarsaa Fiqaaduu fi Caalaa Fiqaaduu jedhamu.

Erga qabamanii guyyoota lakkoofsisus, maatii fi hiriyoonni isaanii manneen hidhaa magaalattii irra deemuun gaafatanis qaamni arginee jirra jedhuun hin argamne.

Maatiin barbaadee dhabee bilbila harkaa isaanii irratti yeroo bilbilu qaamonni qaban kaasuun reeffi isaanii hospitaala galee awwaalamee jira jechuun maatiitti qoosaa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading