• Sun. Mar 15th, 2026

Kaaba Oromiyaa godina Walloo aanaa Harxummaa Fursee keessatti waraanni faashistii PP uummata dararuu itti fufan

Jun 24, 2023

ONM-ABO Waxabajjii 24, 2023

Kaaba Oromiyaa godina Walloo keessatti duula ilmaan Oromoo lafa isaanii irraa buqqisuun qabiyyee isaanii bal’ifachuu finxaaleyyiin Amaaraa jalqaban jabeessuun waraana isaa hedduuminaan kan bobbaase murni bilxiginnaa, ergamtoota isaa kanaan dararaan uummata irra ga’u jabaatee jira.

Kaleessa Waxabajjii 23, 2023 aanaa  Harxummaa Fursee gandootaa fi magaalota keessatti saamicha geggeessaa turaniiru.

Aanaa Harxummaa Fursee keessatti uummanni Oromoo akka balaa dhufu irraa of hin ittisne qawwee isaanii irraa hiikaa kan jiranii fi warreen hin kenninu jedhanii baqatan qabeenya isaanii saamaa akkasumas maatii isaanii hidhaa jiraachuun barameera.

Kana malees hawaasa cufa irraa qarshii 200 hanga 500 dirqiin funaanaa jiraachuu kan nuuf himan maddeen, konkolaachiftoota baajaajii fi konkolaataa gurguddaa midhaan fe’an, Waraana Bilisummaa Oromootiif geessitu jechuun qabanii saamaa fi mana hidhaatti darbachaa jiraachuu maddeen kun dabaluun ibsaniiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading