ONM-ABO Waxabajjii 24, 2023
Tarkaanfii gootichi Waraana Bilisummaa Oromoo, Oromiyaa bakkoota cufa keessatti waraana faashistii PP irratti fudhachaa jiruun raafama hamaa keessa kan gale murni bilxiginnaa, loltootaa fi meeshaalee gurguddaa daandii seensa magaalaa Finfinnee irratti buusee jira.
Akka kanaanis tarkaanfii jajjabaa yeroo adda addaatti ona Fantaallee, Boosat, Liiban Cuqqaalaa, haleellaa rifaasisaa buufata poolisii magaalaa Bishooftuu fi Adaamii Tulluu Jiddoo Kombolchaa keessatti fudhateen raafama keessa seenuun meeshaalee waraanaa gurguddaa fi waraana isaa qarqara daandii guddicha magaalaa Adaamaa geessu irra buufachiisuun sochii jiru hordofaa jiraachuun barameera.
Murni faashistii lola jabaa Oromiyaa keessatti WBO’n geggeessaa jiruu fi caasaan hojii bilxiginnaa bakkoota hedduutti dhabamuu irraa kan ka’e aarii cimaa keessa galuun duula waraanaa fi tooftaalee adda addaan deemuuf yaalus bu’aa argamsiiseef hin qabu.
Amaluma mootummoota abbaa irree qaban dhaaluun mo’ameen jira jechuu irra duula labsuu fi meeshaalee gurguddaan doorsisa geggeessuun cinaatti karra Finfinnee cufa irratti mooraa waraanaa jajjabaa hojjechiisuuf karoora qabachuun issanii barameera.


